Iimaanni damee torbaatamii fi wohi yookaan jaatamii fi wohi, irra caalaan isaa jecha Laa ilaaha illallaah jedhu, irra gadi aanaan isaa waan nama rakkisu(azaa) karaa irraa dabsuudha

Iimaanni damee torbaatamii fi wohi yookaan jaatamii fi wohi, irra caalaan isaa jecha Laa ilaaha illallaah jedhu, irra gadi aanaan isaa waan nama rakkisu(azaa) karaa irraa dabsuudha

Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Iimaanni damee torbaatamii fi wohi yookaan jaatamii fi wohi, irra caalaan isaa jecha Laa ilaaha illallaah jedhu, irra gadi aanaan isaa waan nama rakkisu(azaa) karaa irraa dabsuudha, saalfiinis damee tokko kan iimaanaa ta'e».

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

nNabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- iimaanni damee fi gosa hedduu akka ta'e himani, hojii, aqiidaa fi jechoota of keessatti qabata. Irra caalaa fi irra ol'aanaan isaa jecha: "Laa ilaaha illallaah" jedhu, hiika isaa beekanii, waan inni itti qajeelchutti hojjachuun wajjiin, sunis Rabbiin inni gabbaramaa tokko tokkicha kan qofaa isaa gabbartii haqa godhatu ta'uu beekuudha. irra xiqqaan hojii iimaanaa hunda waan azaa nama godhuu karaa isaanii irraa dabsuudha. eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- saalfiin gosoota iimaanaa irraa akka ta'e himani, saalfiin waan gaarii hojjatanii waan fokkataa dhiisuu irratti nama kaasa.

فوائد الحديث

Iimaanni sadarkaa addaa addaati gariin isaa garii irra caala.

Iimaanni jecha, hojii fi aqiidaadha.

Rabbiin irraa saalfachuun, bakka si dhoorge irratti akka si hin argine, bakka itti si ajaje irraa akka si hin dhabne hordofsiisa.

Lakkoofsa himuun isa irratti gabaabachuu hin kennu, hojiiwwan iimaanaa hedduu ta'uutti akeeka malee, arabni waan tokkoof lakkoofsa hanga ta'e wohii himu garuu waan isa malee jiru mormuu miti kan isaan itti barbaadan.

التصنيفات

dabaluu iimaanaatiifii ir'achuu isaa