إعدادات العرض
Tokkoon keessan hanga waan lubbuu ofiitiif jaallatu obboleessa isaatiif jaallatutti hin amanne
Tokkoon keessan hanga waan lubbuu ofiitiif jaallatu obboleessa isaatiif jaallatutti hin amanne
Abuu Hamzaa Anas ibnu Maalik -khaadima ergamaa Rabbii Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Tokkoon keessan hanga waan lubbuu ofiitiif jaallatu obboleessa isaatiif jaallatutti hin amanne».
الترجمة
العربية Español አማርኛ English اردو Indonesia বাংলা Français Türkçe Русский Bosanski සිංහල हिन्दी 中文 فارسی Tiếng Việt Tagalog Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் မြန်မာ ไทย Deutsch 日本語 پښتو অসমীয়া Shqip Svenska Nederlands ગુજરાતી Кыргызча नेपाली Lietuvių دری Српски тоҷикӣ Kinyarwanda Română Magyar Čeština Moore Malagasy ಕನ್ನಡ Wolof Azərbaycan O‘zbek Українська ქართული Македонски ភាសាខ្មែរ ਪੰਜਾਬੀ मराठी Kirundi Kurmancî Bahasa Melayu Yao Akan Lingalaالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- tokkoo muslimootaaf iimaanni guutuun dhugaa akka hin taanef ibsani, hanga Rabbiin ajajamuu fi gosoota khayrii diinii fi duuniyaa waan lubbuu ofiitiif jaallatu obboleessa isaatiif jaallatutti, akkasuma waan lubbuu ofiitiif jibus isaaf jibbuutti, obboleessa isaa muslimaa diinii isaa keessatti hirdhina yoo irratti arge, isa sirreessuuf carraaqa, toltuu yoo irratti arges isa jajjabeessee isa gargaara, dhimma isaa diinii fi duuniyaa irratti isa gorsa.فوائد الحديث
Namni waan lubbuu ofiitiif jaallatu obboleessa isaatiif jaallachuun dirqama ta'uu isaa; nama waan lubbuu ofiitiif jaallatu obboleessa isaatiif hin jaallanne irraa iimaana mormuun faallaan isaa dirqama ta'uu ibsa.
Obbolummaan karaa Rabbii obbolummaa gosaatii oli, haqni isaas dirqama dirqamaa oliiti.
Jechoota fi gochoota irraa hundi waan jaalala kana faallessuu akka gowwoomsaa, komii, inaaffaa fi lubbuu muslimaatti yookaan qabeenya isaa yookaan kabajaa isaatti diinomuu hraama ta'uu isaa.
Jechoota garii kan hojiitti nama kakaasan fayyadamuu; "obboleessa isaa" jecha jedhu waan fayyadameef.
Aalimni kirmaanii jedhamu -Rabbi isaaf haa araaramu- akkas jedhe: hamtuu irraa waan lubbuu ofiitiif jibbe obboleessa isaatiifis jibbuun iimaana irraati; dubbachuu wonti dhiifameef; waan tokko jaallachuun faallaa isaa jibbuu of keessatti qabata, kun waan ga'aa ta'eef isa dubbachuu dhiise.
التصنيفات
amala gaarii