إعدادات العرض
Kun lameen dhiira ummata kootii irratti haraama, dubartoota isaaniitiif immoo halaala
Kun lameen dhiira ummata kootii irratti haraama, dubartoota isaaniitiif immoo halaala
Aliyyi ibnu Abii Xaalib irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bitaa isaaniitiin hariira qabatanii, mirga isaanitiin immoo worqii qabatanii, eegasii hariiraa fi worqiin harka isaanii lameen ol qabuun, akkas jedhani: «Kun lameen dhiira ummata kootii irratti haraama, dubartoota isaaniitiif immoo halaala».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी ئۇيغۇرچە Hausa Kurdî অসমীয়া Kiswahili Tiếng Việt ગુજરાતી Nederlands සිංහල پښتو नेपाली Кыргызча മലയാളം Svenska Română తెలుగు ქართული Moore Српски Magyar Português Македонски Čeština Українська Azərbaycan Malagasy Kinyarwanda Wolof ไทย मराठी ਪੰਜਾਬੀ دری አማርኛ ភាសាខ្មែរ Lietuvių ಕನ್ನಡالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- uffata hariiraa yookaan citaa hariira irraa ta'e harka isaanii bitaatiin qabatanii, worqii faayaa yookaan kan sana fakkaatu irraa ta'e immoo harka isaanii mirgaatiin qabatanii eegasii akkas jedhani: hariirrii fi worqii uffachuun dhiira irratti haraama, dubartootaaf immoo halaala.فوائد الحديث
Aalimni Islaamaa Assindiin akkas jedhe: (haraama): kan itti fedhame uffannaan itti fayyadamuudha; jijjiirraaf, kennaaf, bittaaf immoo hundaafuu halaala, worqii meeshaa isa irraa taasifatanii itti fayyadamuun immoo hundaafuu haraama.
faayatti haajamuu fi waan birootiif jecha shari'aan islaamaa dubartiitti bal'isuu isaa.
التصنيفات
ufataafii faaya