Gidduu azaana lameen hundatti salaatatu jira, gidduu azaana lameen hundatti salaatatu jira» eegasii sadaffaa irratti akkas jedhani: «nama fedheef

Gidduu azaana lameen hundatti salaatatu jira, gidduu azaana lameen hundatti salaatatu jira» eegasii sadaffaa irratti akkas jedhani: «nama fedheef

Abdullaah ibnu Mughaffal irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: nabiyyiin -Rabbbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Gidduu azaana lameen hundatti salaatatu jira, gidduu azaana lameen hundatti salaatatu jira» eegasii sadaffaa irratti akkas jedhani: «nama fedheef».

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hunda azaanaa fi iqaamaa gidduutti salaanni sunnaa akka jiru ibsani, sana yeroo sadi irra deebi'ani, sadaffaa irratti sun nama salaatuu fedheef jaallatamaa akka ta'e himani.

فوائد الحديث

Azaanaa fi iqaamaa gidduutti salaatuun jaallatamaa ta'uu isaa.

Jecha irra deddeebi'uu keessatti karaa nabiyyii agarsiisa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sun immoo dhageessisuu fi barbaachisummaa waan dubbatanuu gadi jabeessuuf jecha.

Azaana lameen jechuun kan itti fedhame: azaanaa fi iqaamaadha, azaana lama jedhee kan waameef tokko irra caalchisuuni, (aduu fi ji'aan) ji'a lameen akka jedhamutti, akkasuma (Abuu bakirii fi Umariin) Umar lameen akkaa jedhamutti.

Azaanni yeroon salaataa seenuu beeksisuudha, iqaamaan immoo hojiin salaataa ga'uu beeksisuudha.

التصنيفات

azaanaafii iqaamaa, salaata sunnaa