Rabbiin hojii irraa waan qulqullaa'ee isa qofaaf ta'ee fi kan fuulli isaa ittiin barbaadame malee hin qeebalu

Rabbiin hojii irraa waan qulqullaa'ee isa qofaaf ta'ee fi kan fuulli isaa ittiin barbaadame malee hin qeebalu

Abuu Umaamaa Al-baahilii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Namichi tokko gara nabiyyiitti dhufee -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhe: namicha mindaa fi maqaan isaa dubbatamuu barbaadee duule agartee, maaltu isaaf jira? ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Homaa isaaf hin jiru» yeroo sadi irra deddeebi'uun gaafate, ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo sadanuu «homaa isaaf hin jiru» jechuun deebisaniifi, eegasii nabiyyiin akkas jedhani: «Rabbiin hojii irraa waan qulqullaa'ee isa qofaaf ta'ee fi kan fuulli isaa ittiin barbaadame malee hin qeebalu».

[sirrii]

الشرح

Murtoo namicha mindaa Rabbiin irra barbaaduu fi nama birattis faaruu argachuuf jecha duulaa fi qabsoof ba'ee gafachuuf jecha namichi wohii gara nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufee, mindaa ni argataa? jedhee gaafate, ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mindaan homaa isaaf hin jiru jedhanii deebisaniifi; niyyaa isaa keessatti waan Rabbiin malee jiru waan qindeesseef jecha, namichi gaaffii isaa yeroo sadi'iif irra deebi'uun nabiyyii gaafate -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaanis yeroo sadanuu deebiidhuma jalqabaa gadi jabeessanii, mindaan isaaf hin jiru jechuun deebisaniif, eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ulaagaa hojiin Rabbiin biratti ittiin qeebalamtu isatti himani: Rabbiin hojii irraa hundi isaatuu osoo nama tokkollee isatti hin qindeessin Rabbiif jecha ta'uu fi fuula isaa barbaachuuf ta'u malee hin qeebalu.

فوائد الحديث

Rabbiin hojii irraa qulqulluu Rabbi qofaaf ta'e malee hin qeebalu, akkasuma akkaataa karaa nabiyyii isaa irratti yoo ta'e malees hin qeebalu -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu-.

Deebisaan nama fatwaa godhuu toluu irraa fatwaan isaa waan gaafataan barbaaduu fi dabalata biraa kan of keessaa qabu ta'uudha.

waan tokko irraa irra deddeebi'uun gaafachuun dhimmichi jabaa ta'uu isaa mirkaneessuutu keessa jira.

qabsaa'aan dhugaa nama jechi Rabbii akka ol ta'uf qabsaa'ee fi niyyaa qulqulleeffachuu wajjin mindaa barbaachaaf nama qabsaa'edha, qabsoon isaa duuniyaaf jecha hin ta'u.

التصنيفات

sadarkaa hojii qlbii