Namni baasii nikaa danda'e haa fuudhu, inni ija gadi qabaa fi qaama saalaa kan eegaadha, namni hin dandeenye immoo haa soomu, inni isaaf kolaasaadha

Namni baasii nikaa danda'e haa fuudhu, inni ija gadi qabaa fi qaama saalaa kan eegaadha, namni hin dandeenye immoo haa soomu, inni isaaf kolaasaadha

Abdullaa ibnu mas'uud irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: nabiyyii woliin yeroo turre tokkotti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani: «Namni baasii nikaa danda'e haa fuudhu, inni ija gadi qabaa fi qaama saalaa kan eegaadha, namni hin dandeenye immoo haa soomu, inni isaaf kolaasaadha».

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama wolqunnamtii saalaa danda'uu fi baasii nikaa danda'u fuudhatti kakaasani; fuuti haraama ilaaluu irraa ija isaa eega, akkasumas qaama saalaa isaas sagaggaalummaa keessatti akka hin kufne jabeessee eega. namni osoo wol qunnamtii saalaa danda'uu baasii nikaa hin dandeenye soomuutu isa irra jiraata, soomni fedhii qaama saalaa fi badii sanyii hormaataa ni kuta.

فوائد الحديث

xiyyeeffannoo islaamummaan karaa ittiin of eeganii fi karaa ittiin zinaa irraa bilisa ta'an akeekuu irratti godheedha.

nama baasii nikaa hin dandeenye soomatti kakaase; soomni waan fedhii dadhabsiisuuf jecha.

sooma kolaasaatti fakkeessuun; kolaasaan idda cidhaan lameenii xacca'uu waan ta'eef jecha, isaan lameen dhabamuun fedhiin wol qunnamtii saalaa dhabama, akkasuma soomanis fedhii wol qunnamtii saalaa ni dhabamsiisa.

التصنيفات

sadarkaa soomanaa, sadarkaa fuudhaafii heerumaa